9 Innis, "Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi:
" ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan;
arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
10 Qalbii saba kanaa doomsi;
gurra isaanii cuqqaali;
ija isaaniis cufi.
Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii
gurra isaaniitiin dhagaʼanii
qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu."