13 Ani Rabbii Allaahan kee
harka kee mirgaa nan qabaatii;
inni, ‘Hin sodaatin;
ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
14 Yaa Yaaʼikuub raammoo nana,
Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin;
ani mataan koo sin gargaaraatii" jedha Rabbii Allaahan,
Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.