Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaayyaas 53

5 Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;

balleessaa keenyaafis caccabsame;

nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;

madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.

6 Hundi keenya akka hoolaa

karaa irraa badnee turre;

tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre;

Rabbii Allaahanis balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.

7 Inni ni cunqurfame; ni dhiphates;

garuu afaan isaa hin saaqqanne;

inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu,

akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu,

akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também