Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 10

1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta?

Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?

2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa;

inni maluma malatuun haa qabamu.

3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa;

Waaqayyoon immoo ni arrabsa.

4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu;

yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.

5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula;

seerri kees isa irraa fagoo dha;

diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.

6 Innis, "Wanni na sochoosu hin jiru;

rakkinnis gonkumaa na hin argatu" ofiin jedha.

7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera;

dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.

8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata;

iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa.

Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.

9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata.

Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata;

hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.

10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas;

humna nama hamaa jalattis ni kufa.

11 Innis, "Waaqa irraanfateera;

fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu" ofiin jedha.

12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu.

Rakkataas hin dagatin.

13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa?

Maaliifis garaa isaatti,

"Inni waan kanatti na hin gaafatu" jedha?

14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita;

harka keetiinis gatii baasifta.

Deegaan dabarsee sitti of kenna;

ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.

15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi;

hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti,

hammina isaatti isa gaafadhu.

16 Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha;

ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.

17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa;

isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;

18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef

ati ijoollee abbaa hin qabnee fi

cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.