Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 102

Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu.

1 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.

2 Yeroo ani dhiphadhetti,

fuula kee na duraa hin dhoksin.

Gurra kee gara kootti deebisi;

yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.

3 Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii;

lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.

4 Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera;

ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.

5 Sababii ani guddisee aaduuf,

lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.

6 Ani akka urunguu gammoojjii,

akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.

7 Ani hirriba malee nan bula;

akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.

8 Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu;

warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.

9 Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii;

dhugaatii koottis imimmaan makadheera;

10 kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe;

ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.

11 Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti;

anis akkuma margaa gogeera.

12 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta;

yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.

13 Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta;

yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii;

yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.

14 Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii;

biyyoo ishees ni mararfatu.

15 Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu;

mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.

16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii;

ulfina isaatiinis ni mulʼata.

17 Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa;

waammata isaaniis hin tuffatu.

18 Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf,

wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:

19 "Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale;

samii irraas gara lafaa gad milʼate;

20 kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi

warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete."

21 Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti,

galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;

22 kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni,

Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.

23 Inni jabina koo karaatti hambise;

umurii koos ni gabaabse.

24 Anis akkanan jedhe:

"Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;

waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.

25 Ati jalqabatti lafa hundeessite;

samiiwwanis hojii harka keetii ti.

26 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;

hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu.

Ati akkuma uffataa isaan geeddarta;

isaanis ni badu.

27 Ati garuu sanuma;

umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.

28 Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu;

sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata."

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.