Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 103

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

2 Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

3 Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;

dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

4 jireenya kee boolla irraa ni baraara;

jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;

5 akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis,

inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.

6 Waaqayyo warra cunqurfaman

hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.

7 Inni karaa isaa Museetti,

hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.

8 Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu;

aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;

10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;

yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.

11 Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;

12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,

akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

13 Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,

Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

14 inni akka nu itti uumamne ni beekaatii;

akka nu biyyoo taanes ni yaadata.

15 Barri namaa akkuma margaa ti;

akka abaaboo dirrees ni misa;

16 inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada;

iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.

17 Jaalalli Waaqayyoo garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

18 warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

19 Waaqayyo teessoo isaa samii keessa dhaabbateera;

mootummaan isaas waan hunda bulcha.

20 Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon,

warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa.

21 Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa

warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.

22 Uumamawwan bulchiinsa isaa

jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.