Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 104

1 Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha;

miidhaginaa fi surraa uffatteerta.

2 Ati akkuma wayyaa ifa uffatta;

samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.

3 Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta.

Duumessoota gaarii isaa godhata;

qoochoo bubbee yaabbattee deema.

4 Inni ergamoota isaa hafuurota,

tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.

5 Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera;

isheenis gonkumaa hin sochootu.

6 Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde;

bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.

7 Ati ifannaan bishaanonni baqatan;

sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.

8 Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan;

gara iddoo ati isaanii qopheessitee,

gara sululootaatti gad yaaʼan.

9 Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef

ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.

10 Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota;

isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.

11 Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu;

harroonni diidaas dheebuu baʼu.

12 Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan;

dameewwan gidduutti ni faarfatan.

13 Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta;

laftis ija hojii keetiitiin quufti.

14 Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga,

faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;

15 akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu,

akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi

akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.

16 Mukkeen Waaqayyoo,

birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.

17 Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu;

huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.

18 Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti;

holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.

19 Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha;

biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.

20 Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa;

bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.

21 Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada;

nyaata isaas Waaqa bira barbaada.

22 Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu;

dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.

23 Namni gara hojii isaatti,

hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.

24 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha!

Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette;

laftis uumamawwan keetiin guutamte.

25 Galaanni guddaa fi balʼaan kun,

uumamawwan hamma hin qabneen guutame;

kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.

26 Dooniiwwan as irra deddeebiʼu;

lewaataan kan akka inni achi keessa taphatuuf ati uumtes achi jira.

27 Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf,

isaan hundi si eeggatu.

28 Yeroo ati isaaniif kennitutti,

isaan walitti qabatu;

yeroo ati harka kee balʼiftutti,

isaan waan gaarii quufu.

29 Yeroo ati fuula kee dhokfattutti,

isaan ni naʼu;

yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti,

isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.

30 Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu;

atis fuula lafaa ni haaromsita.

31 Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu;

Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;

32 inni ilaallaan lafti hollatte;

inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.

33 Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha;

hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Waaqa koo nan galateeffadha.

34 Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;

ani Waaqayyotti nan gammadaatii.

35 Cubbamoonni lafa irraa haa badan;

hamoonnis siʼachi hin jiraatin.

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi.

Haalleluuyaa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.