Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 107

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

2 Warri Waaqayyo isaan fure,

warri inni harka diinaatii baase,

3 warri inni biyya gara garaatii,

baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.

4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran;

magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.

5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis;

lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.

6 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;

innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.

7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti

karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.

8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;

9 inni warra dheebotan dheebuu baasee

warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa,

dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;

11 isaan dubbii Waaqaatti fincilanii

gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.

12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne;

isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.

13 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;

innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.

14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase;

foncaa isaanis gargar kukkute.

15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;

16 inni balbalawwan naasii caccabsee

danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.

17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman;

sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.

18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii

afaan boolla duʼaa gaʼan.

19 Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;

innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.

20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise;

awwaala keessaas isaan baase.

21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!

22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan;

faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.

23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii

bishaanota gurguddaa irratti daldalan.

24 Isaanis hojii Waaqayyootii fi

hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.

25 Inni dubbatee bubbee jabaa

dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.

26 Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan;

rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.

27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran

ogummaan isaanis faayidaa dhabe.

28 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;

innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.

29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf

dhaʼaa galaanaa calʼisiise.

30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan;

haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.

31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.

32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan;

wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.

33 Innis lagoota gammoojjii taasisee

burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;

34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif,

biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.

35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti,

lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;

36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe;

isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.

37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan;

midhaan gaariis argatan.

38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale;

akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.

39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi

gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,

40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee

akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.

41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase;

maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.

42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu;

hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.

43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu;

jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.