Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 132

Faarfannaa ol baʼuu.

1 Yaa Waaqayyo, Daawitii fi

rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.

2 Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee

Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:

3 "Ani mana koo ol hin seenu;

yookaan siree kootti ol hin baʼu.

4 Ani ija kootiif hirriba,

baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;

5 kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,

Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti."

6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;

Yaaʼaarittis isa arganne:

7 "Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;

ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.

8 ‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;

atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.

9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;

qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ "

10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,

dibamaa kee hin gatin.

11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;

inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:

"Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;

12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,

ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu."

13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;

akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:

14 "Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;

kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.

15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;

hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.

16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa;

qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.

17 "Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;

dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.

18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa;

gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa."

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.