Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 139

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta;

na beekteertas.

2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta;

yaada koos fagootti hubatta.

3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta;

karaa koo hundas beekta.

4 Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,

ati guutumaan guutuutti ni beekta.

5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta;

harka kees narra keesseerta.

6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha;

hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.

7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa?

Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?

8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta;

yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta.

9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin

barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,

10 achittis harki kee karaa na argisiisa;

harki kee mirgaas jabeessee na qaba.

11 Yoo ani, "Dhugumaan dukkanni na dhoksa;

ifnis naannoo kootti halkan taʼa" jedhe,

12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu;

halkanis akkuma guyyaa ifa;

dukkanni siif akkuma ifaatii.

13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,

lafeen koo si duraa hin dhokanne.

Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,

16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.

Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,

kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.

17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata!

Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!

18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee,

silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata.

Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.

19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee!

Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!

20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu;

diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.

21 Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu?

Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?

22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera;

akka diina koottis isaan nan heda.

23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki;

qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.

24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali;

karaa bara baraa irras na adeemsisi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.