Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 142

Maaskiilii Daawit

1 Ani gara Waaqayyotti nan iyya;

sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.

2 Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa;

dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.

3 Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu,

situ karaa koo beeka.

Namoonni daandii ani deemu irra,

kiyyoo naa kaaʼaniiru.

4 Gara mirga koo ilaali; argis;

namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru;

ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu;

namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.

5 Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha;

"Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha;

biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti" nan jedha.

6 Ani abdii kutadheeraatii,

kadhannaa koo naa dhagaʼi;

warra na ariʼatan jalaa na baasi;

isaan akka malee natti cimaniiruutii.

7 Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf,

lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi.

Sababii ati waan gaarii naa gooteef,

qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.

Veja também