Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 144

Faarfannaa Daawit.

1 Waaqayyo kattaa koo,

isa harka koo waraanaaf,

quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.

2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti;

iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti.

Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu,

kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.

3 Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali?

Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?

4 Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti,

barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.

5 Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi;

akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.

6 Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi;

xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.

7 Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii

bishaan jabaa jalaa,

harka alagaa duraas,

na baasi; na oolchis;

8 warra afaan isaanii sobaan guutame,

warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.

9 Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha;

kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;

10 isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin

goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.

11 Harka Ormootaa duraa,

warra afaan isaanii sobaan guutame,

warra harki isaanii mirgaa

nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.

12 Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti,

akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan;

intallan keenyas akka utubaa golee,

kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.

13 Gombisaawwan keenya,

midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman.

Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan;

dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;

14 loon keenya haa dorroban hin gatatin

yookaan yeroo malee hin dhalin;

boojiʼamuunis hin jiraatin;

wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.

15 Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan;

warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.