Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 145

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;

bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.

2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;

bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.

3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;

guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;

hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.

5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;

anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.

6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;

anis guddina kee nan labsa.

7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;

waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.

8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;

inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.

10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;

qulqulloonni kees si leellisu.

11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;

waaʼee humna keetiis ni dubbatu;

12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,

surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.

13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;

bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.

Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;

warra gad qabaman hundas ni kaasa.

15 Iji nama hundaa si eeggata;

atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.

16 Ati harka kee balʼiftee

fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.

17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,

warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.

19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;

kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.

20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;

jalʼoota hunda garuu ni balleessa.

21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.

Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana

bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.