Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 21

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada.

Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!

2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta;

kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.

3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte;

gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.

4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef;

bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.

5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe;

atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.

6 Ati eebba bara baraa kenniteef;

akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.

7 Mootichi Waaqayyoon amanataatii;

sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii

kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.

8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata;

harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.

9 Yeroo mulʼachuu keetiitti,

akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota.

Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa;

ibiddis isaan fixa.

10 Ati sanyii isaanii lafa irraa,

ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.

11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan,

yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.

12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti,

akka isaan baqatan gootaatii.

13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi;

nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.