Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 25

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti

ol nan qaba.

2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha.

Ati na hin qaanessin;

akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.

3 Namni si eeggatu tokko iyyuu

yoom iyyuu hin qaaneffamu;

warri sababii malee yakka hojjetan

garuu ni qaaneffamu.

4 Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi;

daandii kees na barsiisi;

5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef,

dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;

anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

6 Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;

isaan durumaa jalqabanii jiruutii.

7 Cubbuu afaan kootii

yookaan dogoggora koo hin yaadatin;

yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii

akkuma araara keetiitti na yaadadhu.

8 Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas;

kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.

9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;

karaa isaas isaan barsiisa.

10 Karaan Waaqayyoo hundinuu

warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.

11 Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu

maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.

12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu?

Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.

13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti;

sanyiin isaas lafa dhaala.

14 Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu;

kakuu isaa illee isaan beeksisa.

15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala;

inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.

16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi;

ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.

17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera;

dhiphina koo keessaas na baasi.

18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali;

cubbuu koo hunda naa dhiisi.

19 Akka diinonni koo baayʼatan,

hammam akka cimsanii na jibban argi!

20 Lubbuu koo eegi; na oolchis;

sababii ani kooluu sitti galeef,

akka ani qaanaʼu na hin godhin.

21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi

qajeelummaan ana haa eegan.

22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa

Israaʼelin furi!

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.