Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 33

1 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa;

isa jajuun tolootaaf ni mala.

2 Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa;

baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.

3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;

sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

4 Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii;

inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.

5 Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata;

laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.

6 Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman;

tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.

7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba;

bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.

8 Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu;

sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.

9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe;

inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.

10 Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa;

akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.

11 Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas

dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

12 Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe,

namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.

13 Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala;

ilmaan namootaa hundas ni arga;

14 inni teessoo isaa irra taaʼee,

warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;

15 inni garaa nama hundumaa uumu sun,

hojii isaanii hunda ni hubata.

16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu;

jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.

17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;

guddinni humna isaas nama hin oolchu.

18 Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra,

warra araara isaa abdatan irras jira;

19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;

bara beelaas isaan ni jiraachisa.

20 Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti;

innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.

21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii;

nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.

22 Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya

sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.