Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 34

Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate.

1 Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

2 Lubbuun koo Waaqayyoon boonti;

cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.

3 Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa;

kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.

4 Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;

sodaa koo hunda keessaas na baase.

5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu;

fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.

6 Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe;

rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.

7 Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii

ni qubata; isaan ni oolchas.

8 Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;

namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.

9 Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa;

warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.

10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;

namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.

11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;

anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.

12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis

bara baayʼee hawwu eenyu?

13 Arraba kee waan hamaa irraa,

afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.

14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;

nagaa barbaadi; duukaa buʼis.

15 Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira;

gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;

16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,

fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.

17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.

Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

18 Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;

Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;

20 lafee isaa hunda ni eega;

isaan keessaas tokko illee hin cabu.

21 Hamoota hamminatu ajjeesa;

warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.

22 Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;

warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.