Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 37

Faarfannaa Daawit.

1 Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin

yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.

2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;

akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.

3 Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;

biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.

4 Waaqayyotti gammadi;

innis hawwii garaa keetii siif guuta.

5 Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;

isa amanadhu; inni siif milkeessa.

6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,

murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.

7 Waaqayyo duratti calʼisi;

obsaanis isa eeggadhu;

nama karaan isaa qajeeleefitti,

kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.

8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;

hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.

9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;

warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.

10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;

yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.

11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;

nagaa guddaadhaanis ni gammadu.

12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;

ilkaan isaaniis isatti qaratu;

13 Gooftaan hamootatti ni kolfa;

inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.

14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi

rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,

warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,

goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.

15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;

iddaan isaaniis ni caccaba.

16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,

waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;

17 humni hamootaa ni cabaatii;

Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.

18 Waaqayyo bara tolootaa ni beeka;

dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.

19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;

bara beelaa keessas ni quufu.

20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;

diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;

isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.

21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu;

garuu deebisanii of irraa hin baasan;

qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;

22 warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu;

warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.

23 Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama;

inni karaa namicha sanaatti ni gammada.

24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;

Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.

25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;

garuu qajeeltonni gatamuu isaanii

yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.

26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;

ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.

27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;

yoos ati bara baraan ni jiraatta.

28 Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii;

warra isaaf amanamanis hin gatu.

Isaanis bara baraan ni eegamu;

sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.

29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu;

bara baraanis ishee irra ni jiraatu.

30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;

arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.

31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;

miilli isaas hin mucucaatu.

32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;

isaan ajjeesuus ni barbaadu;

33 Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu

yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,

akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.

34 Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.

Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;

atis badiisa hamootaa ni argita.

35 Nama hamaa fi gara jabeessa,

isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.

36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;

ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.

37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;

sanyiin nama nagaa hin baduutii.

38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;

galgalli nama hamaas hin tolu.

39 Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;

inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.

40 Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas;

harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;

isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.