Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 39

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1 Ani akkana nan jedhe; "Ani karaa koo nan eeggadha;

arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;

hamma namni hamaan na bira jiruttis,

afaan kootti luugama nan kaaʼadha."

2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;

waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe;

dhiphinni koo garuu ittuma caale;

3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;

yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe;

anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:

4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;

dheerina umurii kootiis na barsiisi;

jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.

5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;

umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;

jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.

6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;

dhugumaan inni akkasumaan goolama;

namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.

7 "Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?

Abdiin koo suma irra jira.

8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;

nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.

9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;

kan waan kana godhe sumaatii.

10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;

dhaʼicha kee narraa fuudhi.

11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;

akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita;

dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.

12 "Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu;

booʼicha koos calʼistee hin ilaalin.

Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii;

akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.

13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura

akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu."

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.