Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 40

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1 Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe;

innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.

2 Inni boolla sodaachisaa keessaa,

dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase;

miilla koo kattaa irra dhaabe;

ejjeta koos naa jabeesse.

3 Innis faarfannaa haaraa,

faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe.

Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu;

isas ni amanatu.

4 Namni Waaqayyoon abdatu,

kan gara of tuultotaa hin ilaalle,

namni warra karaa irraa jalʼatanii

waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.

5 Yaa Waaqayyo Waaqa ko,

dinqiin ati hojjette baayʼee dha;

waan ati nuuf yaadde,

namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu

tokko iyyuu hin jiru;

yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee,

baayʼinni isaanii hamma hin qabu.

6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene;

gurra koo garuu naa banteerta;

aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.

7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; "Ani kunoo ti; ani dhufeera;

waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.

8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;

seerri kee garaa koo keessa jira."

9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa;

Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu,

ani afaan koo hin qabadhu.

10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu;

waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa;

jaalala keetii fi dhugaa kees

yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.

11 Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin;

jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.

12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii;

cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera;

cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata;

onneen koos na keessatti laafteerti.

13 Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi;

yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.

14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu,

haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis.

Warri badii koo hawwan hundi,

qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.

15 Warri, "Baga! Baga!" anaan jedhan,

qaanii isaaniitiin haa rifatan.

16 Warri si barbaadan hundinuu garuu

sitti gammadanii haa ililchan.

Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda,

"Waaqayyo guddaa dha!" haa jedhan.

17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;

taʼus Gooftaan naaf yaada.

Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti;

yaa Waaqa ko, hin turin.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.