Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 50

Faarfannaa Asaaf.

1 Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbatee

baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti

lafa waameera.

2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee

hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.

3 Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus;

ibiddi hamaan fuula isaa dura,

bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.

4 Inni saba isaatti muruuf jedhee,

samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:

5 "Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan,

gara kootti walitti naa qabaa."

6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu;

Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.

7 "Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi;

yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa:

Ani Waaqni Waaqa kee ti.

8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu;

aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.

9 Ani dallaa kee keessaa korma,

yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.

10 Bineensi bosonaa hundinuu,

horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.

11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka;

wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.

12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture;

addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.

13 Ani foon korommii nan nyaadhaa?

Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?

14 "Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee

Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;

15 guyyaa rakkinaa na waammadhu;

ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita."

16 Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha:

"Ati seera koo labsuudhaaf,

kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?

17 Ati adaba koo ni jibbita;

dubbii koos of duubatti gatta.

18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta;

ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.

19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta;

arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.

20 Ati teessee obboleessa kee hamatta;

ilma haadha kee maqaa balleessita.

21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise;

ati akkuma ofii keetii na seete.

Amma garuu ani sin ifadha;

ifatti baasees sin himadha.

22 "Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa;

yoo kanaa achii ani isin nan ciccira;

namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.

23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;

anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa."

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.