Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 55

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit.

1 Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi;

waammata koo jalaas hin didin.

2 Na dhagaʼiitii deebii naa kenni;

komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.

3 Sagalee diinaatiin,

cunqursa namoota hamoos dhufe;

isaan dhiphina natti fiduutii;

aariidhaanis na jibbu.

4 Lapheen koo na keessatti dhiphatte;

sodaan duʼaas na qabate.

5 Sodaa fi hollannaan natti dhufeera;

naasuunis na fudhateera.

6 Anis akkana nan jedhe; "Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee!

Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.

7 Silaa fagootti baqadhee

gammoojjii keessa nan bubbula ture;

8 silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee

gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture."

9 Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi;

dubbii isaaniis waliin dhaʼi;

ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.

10 Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu;

jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.

11 Ishee keessa badiisatu jira;

nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.

12 Utuu diinni na arrabsee,

silaa obsuu nan dandaʼa ture;

utuu amajaajiin natti kaʼee,

silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.

13 Garuu siʼi namuma akka kootii,

hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.

14 Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne;

haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.

15 Duuti tasa isaanitti haa dhufu;

utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan;

hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii.

16 Ani garuu Waaqa nan waammadha;

Waaqayyos jalaa na baasa.

17 Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya;

innis sagalee koo ni dhagaʼa.

18 Yoo namni baayʼeen anaan morme illee,

inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.

19 Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun,

Namoota karaa isaanii hin geeddaranne,

kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa;

isaan qaanessas.

20 Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate;

kakuu isaa illee ni cabse.

21 Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu;

garaa isaa keessa garuu lolatu jira;

dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa;

garuu goraadee luqqifamee dha.

22 Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu;

inni si jiraachisa;

namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

23 Yaa Waaqayyo, ati garuu

namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta;

warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni,

walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan.

Ani garuu sin amanadha.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.