Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 59

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan "Hin balleessin" jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate.

1 Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi;

warra natti kaʼan jalaas na furi.

2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi;

namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.

3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu!

Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon,

utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.

4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee;

isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru.

Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!

5 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu,

yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi;

warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.

6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii,

akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.

7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali;

hidhii isaanii irra goraadeetu jira;

isaanis, "Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?" jedhu.

8 Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita;

saboota sana hundumattis ni qoosta.

9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha;

yaa Waaqi ati daʼoo koo,

10 Waaqa na jaallatuu dha.

Waaqni fuula koo dura deema;

akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.

11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya,

ati garuu isaan hin ajjeesin;

yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata.

Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.

12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif,

sababii dubbii hidhii isaaniitiif,

isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman.

Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,

13 dheekkamsaan isaan balleessi;

akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi.

Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe,

hamma handaara lafaatti ni beekama.

14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii,

akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.

15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru;

yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.

16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;

ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;

ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis

ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.

17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;

yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;

ati Waaqa ani abdadhuu dha.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.