Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 69

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo "Daraaraatiin." Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqi, ati na baasi;

bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.

2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan

hin jirre keessa seeneera.

Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera;

lolaanis narra garagaleera.

3 Ani iyyuudhaan dadhabeera;

laagaan koo babbaqaqeera;

iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.

4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban

rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu;

warri na ajjeesuu barbaadan,

warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha.

Ani akkan waan hin hatin

deebisu dirqameera.

5 Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta;

yakki koos si duraa hin dhokatu.

6 Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu,

warri abdii sirra kaaʼatan,

sababii kootiif hin qaanaʼin;

yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan,

sababii kootiif hin qaaneffamin.

7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii;

qaaniinis fuula koo haguugeera.

8 Ani obboloota kootti keessummaa,

ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;

9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii;

arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.

10 Booʼuu fi soomuun koo,

arrabsoo natti taʼe.

11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti,

namoonni natti qoosu.

12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu;

machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.

13 Ani garuu yaa Waaqayyo,

yeroo ati filattutti sin kadhadha;

yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan

fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.

14 Akka ani hin liqimfamneef,

raaree keessaa na baasi;

warra na jibban jalaa,

bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.

15 Ati akka lolaan na hin fudhanne,

akka tuujubni na hin liqimsine,

akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.

16 Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni;

araara kee guddichaanis natti garagali.

17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin;

waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.

18 Natti dhiʼaadhuutii na furi;

xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.

19 Ati akka ani hammam tuffatamee,

salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta;

diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.

20 Arrabsoon garaa koo cabse;

anis abdii kutadheera.

Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe;

nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.

21 Nyaata kootti hadhooftuu makan;

akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.

22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu;

adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.

23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu;

dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.

24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi;

aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.

25 Qeʼeen isaanii haa onu;

namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.

26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii;

waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.

27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali;

isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.

28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu;

qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.

29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira;

yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.

30 Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha;

galataanis ulfina nan kennaaf.

31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi

kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.

32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu;

isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!

33 Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa;

namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.

34 Samii fi lafti, galaanonnii fi

wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.

35 Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii;

magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara.

Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.

36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu;

warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.