Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 71

1 Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;

ati gonkumaa na hin qaanessin.

2 Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis;

gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.

3 Ati kattaa ani kooluu itti galu,

iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi;

ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,

na baraaruuf ajaja kenni.

4 Yaa Waaqa ko, harka nama hamaa,

qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.

5 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii;

ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.

6 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;

gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.

Ani yeroo hunda sin galateeffadha.

7 Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera;

ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.

8 Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

9 Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin;

yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.

10 Diinonni koo natti mariʼatuutii;

warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.

11 Isaanis, "Waaqni isa dhiiseera;

namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii

faana buʼaatii qabaa" jedhu.

12 Yaa Waaqi, narraa hin fagaatin;

yaa Waaqa ko, na gargaaruuf dafii kottu.

13 Warri na himatan qaanaʼanii haa badan;

warri na miidhuu barbaadanis

tuffii fi salphina haa uffatan.

14 Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba;

ittuma caalchisees sin galateeffadha.

15 Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee,

afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi

waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.

16 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani dhufee

hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa;

ani qajeelummaa kee qofa labsa.

17 Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta;

anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.

18 Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee,

hamma ani humna kee dhaloota kanatti,

jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti,

ati na hin dhiisin.

19 Yaa Waaqi, qajeelummaan kee samiiwwan bira gaʼa;

ati waan gurguddaa hojjetteerta;

yaa Waaqi, kan akka keetii eenyu?

20 Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta;

taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita,

qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.

21 Ulfina koo ni guddifta;

amma illee na jajjabeessita.

22 Yaa Waaqa ko, ani amanamummaa keetiif,

kiraaraan sin faarfadha;

Yaa Qulqullicha Israaʼel

ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.

23 Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,

lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.

24 Warri na miidhuu barbaadan,

waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif

arrabni koo guyyaa guutuu

qajeelummaa kee odeessa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.