1 Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya,
maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!
Ati ulfina kee
samiiwwan irratti diriirsiteerta.
3 Yommuu ani hojii quba keetii,
samiiwwan kee,
jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali?
Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?