Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 85

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1 Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;

boojuu Yaaqoobis deebifteerta.

2 Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;

cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.

3 Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;

aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.

4 Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;

dheekkamsa kees nurraa qabi.

5 Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee

dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?

6 Akka sabni kee sitti gammaduuf,

ati lubbuu nutti hin deebiftuu?

7 Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;

fayyina kees nuu kenni.

8 Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;

inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;

isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.

9 Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,

fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.

10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;

qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.

11 Amanamummaan lafa keessaa burqa;

qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.

12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;

lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.

13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema;

miilla isaatiifis karaa qopheessa.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.