Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 90

Kadhannaa Musee Nama Waaqaa Sanaa.

1 Yaa Gooftaa, ati dhaloota hunda keessatti

iddoo jireenyaa nuu taateerta.

2 Utuu tulluuwwan hin dhalatin

yookaan utuu ati lafaa fi addunyaa hin uumin,

baraa baraa hamma bara baraatti ati Waaqa.

3 Atis, "Yaa ilmaan namootaa, biyyootti deebiʼaa"

jettee namoota biyyootti deebista.

4 Fuula kee duratti waggaan kumni tokko,

akkuma guyyaa kaleessa darbee ti;

yookaan akkuma dabaree eegumsa halkanii tokkoo ti.

5 Ati hirriba duʼaatiin namoota haxooftee balleessita;

isaan akkuma marga ganama bayyanatuu ti;

6 margi sun ganama ganama bayyanatu illee

galgala galgala garuu coollagee goga.

7 Aariin kee nu fixeera;

dheekkamsi kees nu naasiseera.

8 Yakka keenya fuula kee dura,

cubbuu keenya dhokataa sanas ifa fuula keetii dura keesseerta.

9 Barri keenya hundinuu dheekkamsa keetiin dhumeeraatii;

umurii keenyas aaduudhaan fixanna.

10 Dheerinni bara keenyaa waggaa torbaatama,

yoo jabaanne immoo waggaa saddeettama taʼa;

kuni iyyuu garri caalaan isaa dadhabbii fi rakkinaan guutameera;

inni dafee darbaatii; nus barrifnee ni sokkina.

11 Humna aarii keetii eenyutu beeka?

Dheekkamsi kee akkuma sodaa nu siif qabaachuu qabnu sanaa guddaadhaatii.

12 Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,

bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.

13 Yaa Waaqayyo, deebiʼi! Kun hamma yoomiitti taʼa?

Tajaajiltoota keetiifis garaa laafi.

14 Akka nu bara keenya guutuu gammannee ililchinuuf,

ganama ganama araara keetiin nu quufsi.

15 Hamma baayʼina guyyoota ati nu miite sanaa,

hamma baayʼina waggoota nu rakkanne sanaas nu gammachiisi.

16 Hojiin kee tajaajiltoota keetti,

ulfinni kees ijoollee isaaniitti haa mulʼifamu.

17 Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;

hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;

eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.