Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 96

1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;

lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.

2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;

fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.

3 Ulfina isaa saboota gidduutti,

hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;

inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.

5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;

Waaqayyo garuu samiiwwan uume.

6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;

jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.

7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;

ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.

8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;

aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.

9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;

isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.

10 Saboota gidduutti, "Waaqayyo mootii dha" jedhaa;

addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.

Inni qajeelummaadhaan sabootaaf murtii kenna.

11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;

galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.

12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.

Mukkeen bosonaa hundinuus gammachuudhaan haa faarfatan.

13 Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;

inni lafatti murteessuuf ni dhufa.

Addunyaatti qajeelummaadhaan,

sabootatti immoo dhugaa isaatiin ni mura.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.