8 Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha;
inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu;
aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;
yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
11 Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,
akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.