39 Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;
akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
40 Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef;
buddeena samiitiinis isaan quufse.
41 Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;
akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.