6 Waaqayyo garraamota ni eega;
yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
7 Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi;
Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
8 Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa,
ija koo imimmaan irraa,
miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
9 ani biyya warra jiraatoo keessa,
fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.