Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 119

9 Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

10 Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;

akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.

11 Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,

dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

12 Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu;

sirna kee na barsiisi.

13 Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa,

afaan kootiin nan dubbadha.

14 Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu,

ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.

15 Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada;

karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.

16 Ani sirna keetti nan gammada;

dubbii kees hin dagadhu.

ג Giimeel

Veja também