Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 128

1 Warri Waaqayyoon sodaatan,

kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;

ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.

3 Niitiin kee mana kee keessatti,

akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;

ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,

akka lataa muka ejersaa ni taʼu.

4 Namni Waaqayyoon sodaatu

akkasitti eebbifama.

Veja também