1 Waaqayyo kattaa koo,
isa harka koo waraanaaf,
quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
2 Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti;
iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti.
Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu,
kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.