Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 15

Faarfannaa Daawit.

1 Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?

Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?

2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi

nama waan qajeelaa hojjetu,

nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi

3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne,

nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi

nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,

4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju,

yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,

5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi

kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.

Namni wantoota kanneen hojjetu,

gonkumaa hin raafamu.

Veja também