Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 17

6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;

gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.

7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan

harka kee mirgaatiin oolchitu,

ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.

8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi;

gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;

9 hamoota na dhiphisan jalaa,

diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.

Veja também