Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 19

1 Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu;

bantiin samiis hojii harka isaa labsa.

2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,

halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.

3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;

sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.

4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,

dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.

Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;

5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi

akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.

6 Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee

gara handaara kaaniitti naannofti;

wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.

7 Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu;

lubbuu namatti deebisa.

Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha;

nama wallaalaa beekaa godha.

8 Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha;

garaadhaaf gammachuu kenna.

Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha;

ijaafis ifa kenna.

Veja também