6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka;
Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan
samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;
nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;
jabaannees ni dhaabanna.