7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu;
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.