Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 39

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1 Ani akkana nan jedhe; "Ani karaa koo nan eeggadha;

arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;

hamma namni hamaan na bira jiruttis,

afaan kootti luugama nan kaaʼadha."

2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;

waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe;

dhiphinni koo garuu ittuma caale;

3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;

yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe;

anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:

4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;

dheerina umurii kootiis na barsiisi;

jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.

5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;

umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;

jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.

6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;

dhugumaan inni akkasumaan goolama;

namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.

7 "Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?

Abdiin koo suma irra jira.

8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;

nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.

9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;

kan waan kana godhe sumaatii.

10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;

dhaʼicha kee narraa fuudhi.

11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;

akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita;

dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.

12 "Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;

iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu;

booʼicha koos calʼistee hin ilaalin.

Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii;

akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.

13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura

akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu."

Veja também