1 Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe;
innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
2 Inni boolla sodaachisaa keessaa,
dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase;
miilla koo kattaa irra dhaabe;
ejjeta koos naa jabeesse.
3 Innis faarfannaa haaraa,
faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe.
Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu;
isas ni amanatu.
4 Namni Waaqayyoon abdatu,
kan gara of tuultotaa hin ilaalle,
namni warra karaa irraa jalʼatanii
waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
5 Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
dinqiin ati hojjette baayʼee dha;
waan ati nuuf yaadde,
namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu
tokko iyyuu hin jiru;
yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee,
baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene;
gurra koo garuu naa banteerta;
aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; "Ani kunoo ti; ani dhufeera;
waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;
seerri kee garaa koo keessa jira."
9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa;
Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu,
ani afaan koo hin qabadhu.
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu;
waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa;
jaalala keetii fi dhugaa kees
yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
11 Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin;
jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii;
cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera;
cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata;
onneen koos na keessatti laafteerti.
13 Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi;
yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu,
haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis.
Warri badii koo hawwan hundi,
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.