1 Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee
kan hin geeddaramne sanaatti na maari;
akkuma baayʼina araara keetiitti,
yakka koo narraa haqi.
2 Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;
cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
3 Ani yakka koo beekaatii;
cubbuun koos yeroo hunda fuula koo dura jira.