Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 62

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1 Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;

fayyinni koos isa biraa naa dhufa.

2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.

3 Isin hamma yoomiitti nama miitu?

Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,

akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?

4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,

guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;

isaan sobatti ni gammadu.

Afaan isaaniitiin ni eebbisu;

garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.

5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;

abdiin koo isa biraa dhufaatii.

6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.

7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;

kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.

8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;

garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;

Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;

gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;

yoo madaaliidhaan madaalaman

lachanuu qilleensa caalaa salphatu.

10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;

waan hatameenis hin koorinaa.

Yoo qabeenyi keessan guddate illee,

qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.

11 Waaqni yeroo tokko dubbate;

ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;

kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.

12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.

Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa

akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

Todos os capítulos de Faarfannaa 150
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66
  67. 67
  68. 68
  69. 69
  70. 70
  71. 71
  72. 72
  73. 73
  74. 74
  75. 75
  76. 76
  77. 77
  78. 78
  79. 79
  80. 80
  81. 81
  82. 82
  83. 83
  84. 84
  85. 85
  86. 86
  87. 87
  88. 88
  89. 89
  90. 90
  91. 91
  92. 92
  93. 93
  94. 94
  95. 95
  96. 96
  97. 97
  98. 98
  99. 99
  100. 100
  101. 101
  102. 102
  103. 103
  104. 104
  105. 105
  106. 106
  107. 107
  108. 108
  109. 109
  110. 110
  111. 111
  112. 112
  113. 113
  114. 114
  115. 115
  116. 116
  117. 117
  118. 118
  119. 119
  120. 120
  121. 121
  122. 122
  123. 123
  124. 124
  125. 125
  126. 126
  127. 127
  128. 128
  129. 129
  130. 130
  131. 131
  132. 132
  133. 133
  134. 134
  135. 135
  136. 136
  137. 137
  138. 138
  139. 139
  140. 140
  141. 141
  142. 142
  143. 143
  144. 144
  145. 145
  146. 146
  147. 147
  148. 148
  149. 149
  150. 150

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.