17 Yaa Waaqi, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta;
anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
18 Yaa Waaqayyo, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee,
hamma ani humna kee dhaloota kanatti,
jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti,
ati na hin dhiisin.