3 Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,
waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
4 Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.