Pular para o conteúdo
Publicidade

Faarfannaa 96

1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;

lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.

2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;

fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.

3 Ulfina isaa saboota gidduutti,

hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;

inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.

5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;

Waaqayyo garuu samiiwwan uume.

6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;

jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.

7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;

ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.

8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;

aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.

9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;

isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também