1 Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha;
guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.
2 Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa;
lafa irratti isa eebbisa;
hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu.
3 Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa;
fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.