Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 119

Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu

9 Dargaggooti attamiin karaa ifii

qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?

Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.

10 Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;

ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.

11 Akka si hin yakkineef,

jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.

12 Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante;

seera keeti na barsiisi.

13 Ani qajeelfama afaan keetii baye mara,

afaan kiyyaan hin lallaba.

14 Akkuma nami durummaa guddo’otti gammadu,

ani qajeelfama keeti hordofiisatti

hin gammada.

15 Ani ajaja keeti irra deddeebi’ee itti hin yaada;

karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.

16 Ani seera keetiin hin gammada;

ani jecha keeti hin dedhu.

Veja também