Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
1 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,
ka karaa isaa ideemu ka gammade.
2 Waan harka keetiin eloottee
dhaggatte hin nyaatta;
ati hin gammadda; hin milkoottalle’e.
3 Niitiin teeti mana keeti keessatti,
akka muka woyni’ii
ka midhaan buusuu hin teeti;
ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,
akka lattuu muka ejersaa hin teeti.
4 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu
akkana hin eebbifama.